Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe

Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe

Nawwaas bin sam'aan al-ansaarii irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbii -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe, qarqara lameen karaa sana irratti dallaa lamatu jira, isaan lameen keessatti ulaalee babbanamootu jiru, ulaalewwan sunneen irra girdoo gadi dhiifamtetu jira, ulaa karaa irra immoo lallabaa yaa ilma namaa, hundi keessanuu karaatti seenaa asiif achi hin jallatinaa jedhetu jira, akkasuma karaa gara gubbaatiin immoo waamaa tokkotu jira, yeroo namni wohii ulaalewwan sunneen keessaa tokko banuu fedhetti, of eeggadhu akka isa hin banne, yoo kan isa bantu taate ni seenta jedhaan, karichi islaama, dallaan lameen immoo daangaa Rabbiiti, ulaalewwan babbanamoon iimmoo dhoorgaa Rabbiiti, lallabaan mataa karaa irraa sun immoo: kitaaba Rabbiiti, lallabaan karaa gara gubbaa irraa immoo: gorsaa Rabbii kan qalbii muslima hundaa keessa jirudha».

[sirrii] [tirmizii odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun ifa galchan: Rabbiin islaamaaf karaa sirrii ta'e kan jajallina hin qabne fakkeenya godhe, qarqara lameen karaa kana irra immoo, dallaa lama ykn jidaara lama kan karaa lameeniinuu itti marsee jirutu jira, isaan lameen daangaa Rabbiiti, jidaara kana lameen gidduutti immoo ulaaleewwan babbanamootu jiru isaan immoo dhoorgaa Rabiiti, ulaaleewwan sunneen irra immoo girdoowwan nama karaa irra darbutti waan isii keessa jiru hin mul'isnetu jiru, jalqaba karaa irratti immoo lallabaa akkas jechuun, osoo gara daarii fi qarqaraatti hin dabin sirriitti isa irra deemaa jedhee namoota gorsuu fi qajeelchutu jira, lallabaan kun kitaaba Rabbiiti, karaa gara gubbaatiin immoo lallabaa biraatu jira; lallabaan inni kun immoo haguma kara deemaan karicha girdoowwan ulaalewwan sunneenii irraa hanga xiqqoo banuu yaadeen, of eeggadhu isa hin banin! yoo isa kan bantu ta'e ni seenta. seenuu irraa lubbuu kee to'achuu hin dandeessu jedhee isa dhoorgutu jira, lallabaan inni kun immoo gorsaa Rabbii kan qalbii muslima hundaa keessa jirudha.

فوائد الحديث

islaamummaan isatu amantaa dhugaati, isatu dhugumatti karaa qajeelaa isa jannatatti nu geessudha.

daangaa Rabbii fi waan inni halaalaa fi haraama taasises eeguun dirqama ta'uu isaa, sana keessatti dantaa dhabuun badii nama dhaalchisa.

sadarkaa Qur'aanni guddaan qabuu fi isatti hojjachuutti kakaasuutu jira, qajeelinni, iftii fi milkiinis isuma keessa jira.

badii keessatti akka hin kufneef waan isaan dhoorguu fi gorsu qalbii mu'umintootaa keessa kaa'uun rahmatummaa Rabbiin mu'umintootaaf qabu agarsiisa.

Rabbiin tola isaatiin gabroottaniif dallaawwan badiitti kufuu irraa isaan dhoorgu taasiseef.

karaalee ittiin waa barsiisan keessaa tokko barumsicha dhiheessuu fi ifa galcuuf jecha fakeenya godhuudha.

التصنيفات

sadarkaa qur'aana kabajamaa, hojiilee qalbii, hammeenya miiraafii fedhii lubbuu hordofuu