Taabotaan hin kakatinaa, akkasuma abboota keessaniinis hin kakatinaa

Taabotaan hin kakatinaa, akkasuma abboota keessaniinis hin kakatinaa

Abdurrahmaan ibnu samuraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Taabotaan hin kakatinaa, akkasuma abboota keessaniinis hin kakatinaa».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- taabootawwaniin kakachuu irraa dhoorgani, isiin taabota mushrikoonni Rabbii gaditti gabbaraa turani, isiin sababaa jallina isaaniitii fi kufrii isaaniiti, akkasuma nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abbaootaan kakachuu irraa dhoorgani; yeroo wollaalummaa keessatti isaaniin dhaaddachuu fi isaan guddisuuf jecha abbootiin kakachuun aadaa arabaa irraa ture.

فوائد الحديث

Kakaan Rabbiin, maqoowwaan isaatii fi sifaata isaatiin malee hin ta'u.

Taabotaan kakachuun haraama ta'uu isaa, akkasuma abboota, hoggantoota, taabotaa fi waan dharaa kan kana fakkatu hundaan kakachuun haraama ta'uu isaa.

Rabbiin malee waan jiruun kakachuun shirkii xiqqaa irraati, shirkii guddaa irraa ta'uunis ni mala, waan ittiin kakatame sana guddisuun yoo isa keessa jiraate, akka Rabbiin guddisutti isa guddisa yoo ta'e yookaan immoo gabbara wohii akka qabu kan amanu yoo ta'e.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa