Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin

Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin, Rabbiin ummata qabrii Nabiyyoota isaanii masjiida taasifatan abaaree jira".

[Sahih/Authentic.] [Ahmad]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qabrii isaanii akka xaa'ota namoonni isa guddisuu fi sujuuda keessatti isatti garagaluun isa gabbaru akka hin taasifne Rabbiin kadhatan, eegasii akka Rabbiin nama qabrii anbiyootaa masjida taasifate rahmata isaa irraa fageessee fi ari'e himan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan isii masjiida taasifachuun gara isii gabbbaruu fi isiitti amanuutti nama geessuuf jecha isii masjiida taasifatuu irraa dhoorgan.

فوائد الحديث

Qabrii Nabiyyootaa fi namoota gaaggaarii keessatti daangaa shari'aa darbuun Rabbii gaditti akka gabbaramtu isii taasisa, kanaafuu karaawwan gara shirkiitti nama geessan irraa eeggachuun dirqama ta'a.

Qabrii guddisuu fi gabbaruuf jecha gara isii deemuun hin ta'u, abbaan qabrichaa hanga fedhe Rabbitti yoo dhihaatellee.

Qabrii irratti masjiidota ijaaruun haraama ta'uudh.

Qabrii biratti salaatuun haraama osoma masjidni hin ijaaramnelleedhaa, yoo salaata janaazaa isii irratti hin salaatamin ta'e malee.