Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha

Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha

Abuu Zarri irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii ! meeshaan ittiin hawdii dhugan maal inni? ni jedhani: "Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha, dhaga'aa urjiiwwan halkan dukkana duumessa irraa qulqulluu ta'e keessatti mul'atu irra hedduudha, meeshaa jannataa namni isii keessaa dhuge dheebuu jalqaba isa irra tureen ala hin dheebotu, jannata irraa ashandaa lamaatu isa(hawdii) keessatti yaa'a, namni isa irraa dhuge tasuma hin dheebotu, bal'inni isaa akkuma dheerina isaati, hanga gidduu ammaanii(magaalaa biyya shaam keessatti argamtu) fi aylaati(magaalaa xarafa shaam irratti argamtu), bishaan isaa aannan irra akkaan adiidha, damma irra akkaan mi'aawaadha".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irra haa buusu- guyyaa qiyaamaa meeshaan hawdii isaanii ittiin dhugan lakkoofsa urjiiwwan samii irra hedduu akka ta'e kakatan, Sun halkan dukkana isa jiini keessa hin jirre keessatti mul'ata; sababni isaas halkan ji'a qabdu keessatti urjiwwan ifa ji'aatiin haguugamti waan hin ta'eef ifa hin taatu, akkasumas halkan isa keessa duumessi hin jirre keessatti, sababni isaas duumessi mul'achuun urjiiwwan arguu irraa waan dhoorguuf jecha, Meeshaan ittiin dhugan kan jannata irraa ta'e, namni dhugaatii isa keessa jiru irraa dhuge tasuma hin dheebotu, dheebuun inni sana dhuguun duratti ture sun dheebuu irraa dhuma waan isa mudatuuti ta'a, Hawdii isaanii keessatti ashandaa lamaatu jannata irraa itti yaa'a, bal'inni isaa akkuma dheerina isaati; Hawdichi roga hundaanuu wal qixa, dheerinni isaa hanga fageenya gidduu ammaanii(magaalaa shaam kan balqaa'a keessatti argamtuudha) fi aylaa(magaalaa beekamtuu xarafa shaam irratti argamtuudha) gidduu jiruuti, Bishaan hawdichaa aannan irra adiidha, mi'aan isaa immoo mi'aa dammaati caalaa.

فوائد الحديث

Hawdii fi gosoota qananii irraa waan isa keessa jiru jiraachuu isaa raggaasisuutu keessa jira.

Guddina hawdichaa, dheerina isaa, bal'ina isaatii fi heddummina meeshaa isaa kan ittiin dhuganiiti.