Allaahumma Anta Assalaam, Waminka Assalaam, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam

Allaahumma Anta Assalaam, Waminka Assalaam, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam

Sawbaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata isaanii irraa yeroo garagalanitti yeroo sadii araarama Rabbiin gaafatu ture, eegasi akkas jedhu: «Allaahumma Anta Assalaam, Waminka Assalaam, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam» waliid ni jedhe: Awzaa'iidhaan, araarama gaafachuun akkami? Awzaa'iinis ni jedhe: Astaghfirullaah, Astaghfirullaah, Astaghfirullaah jetta.

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo salaata isaanii raawwatanitti akkana kan jedhu ture: Astagfirullaah, Astaghfirullaah, Astaghfirullaah. Eegasii "Allaahumma Anta Assalaamu, Waminka Assalaamu, Tabaarakta Yaa Zal Jalaali wal Ikraam" jechuun Rabbii isaanii guddisu, Rabbiin isa waan hunda irraa nagaa ta'ee fi sifaata isaatiinis guutuu ta'eedha, mudaa fi hirdhina hunda irraa qulqulluu kan ta'eedha, hamtuu duuniyaa fi Aakhiraa irraa nagaa bahuu waan biroo irraa osoo hin taane isuma qofa irraa barbaadda, inni toltuun isaa bakka lameenuuttuu dhugaan heddummaatee jira, abbaa guddinaatii fi tolaati.

فوائد الحديث

Salaata boodatti istighfaara gochuu fi isa irratti ragga'uun jaallatamaa ta'uu isaa.

Hirdhina ibaadaa keessatti argamu guutuu fi ibaadaa ittiin suphuuf istighfaarri jaallatamaa ta'uu isaa.

التصنيفات

zikriiwwan salaataa