“Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga

“Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga

Umar bin Al-Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga”, Umar akkana jedhe: Rabbiin kakadhe, ergan Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan kakuu kana irraa dhoorgan dhagahee beekes ta'ee nama irraa himus ta'ee ittiin kakadhee hin beeku.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e abbootii ofiitiin kakachuu akka dhoorgu himani, kanaafuu namni kakachuu barbaade Rabbi qofaan kakata malee waan Isa malee jiruun hin kakatu. Eegasii umar bin Al-Khaxxaab -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- eega Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irraa dhoorgan dhagahee beekaatis ta'ee nama biraa irraa waan Rabbiin malee jiruun kakachuu himuunis ta'ee akka ittiin hin kakatin dubbate.

فوائد الحديث

Waan Rabbiin malee jiruun kakachuun haraama ta'uudha, addatti abbootii ofiitiin kakachuu ibsuun immoo waan inni aadaa jaahiliyyaa irraa ta'eefi.

Kakuu jechuun: Dhimma dhimmoowwan irraa ta'e wahii gadi jabeessuuf jecha Rabbiin yookaan maqoowwan Rabbiitiin yookaan sifoowwan Rabbiitiin kakachuudha.

Sadarkaa Umari -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- sababaa dafee waan sana irraa dhoorgamuu isaatiin, akkasumas hubannoo gaarii qabaachuu isaatii fi of eeggannoo gochuu isaatif jecha.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa