إعدادات العرض
Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha
Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha
Sawbaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha» Abuu Qilaabaan akkas jedhe: maatiin jalqaban, Ergasii Abuu Qilaabaan akkas jedhe: Nama ijoollee xixiqqoo maatii isaa irratti qabeenya baasu, kan nama kadhachuu irraa tiksu, ykn kan Rabbiin isaan isaan fayyadee isaan duroomsu irra nama kamtu mindaa guddaa qaba?
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Kiswahili Português සිංහල دری অসমীয়া ไทย Tiếng Việt አማርኛ Svenska Yorùbá Кыргызча Hausa ગુજરાતી नेपाली മലയാളം Română Nederlands Soomaali پښتو తెలుగు Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Malagasy Српски Moore ქართულიالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gosoota baasii ibsanii, karaan baasii itti baasan garmalee yoo baay’ate, akkaataa irra dirqamaatin ishee qindeessanii, wanta hunda caalaa barbaachisaa taʼee fi kan itti aanun jalqabaniiru. Qabeenyi mindaa baay’ee qabu isa Muslimni nama isa deeggaruun dirqama irratti ta’e kan akka haadha manaa fi ilmoo irratti baasuu akka ta’e himaniiru. Sana booda yaabbii karaa Rabbii irratti waraanaaf qophaa'ef baasii gochuudha. Ergasii warra karaa Rabbii irratti qabsaa'an hiriyyoota isaa irratti baasii gochuudha.فوائد الحديث
Baasii karaa armaan olitti ibsameen tartiibessuu fi yeroo wanti irratti baasii godhan baay'ate wantoota kanneen eeguun barbaachisaa akka ta'eedha.
Baasii maatii ofiitif dursa kennuun namoota biroo caalaa sadarkaa akka qabu ibsuudha.
Karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irratti baasii baasuun irra caalaa baasii akka ta'eedha, sunis meeshaa fi namoota jihaadaaf akka qopheessuuti.
Akkana jedhame: Karaa Rabbii jechuun wanta gocha Rabbiif ajajamuu hunda, fakkeenyaaf kan akka Hajjii gochuu.