إعدادات العرض
Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni
Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Nederlands ગુજરાતી অসমীয়া پښتو नेपाली മലയാളം Yorùbá ქართული Magyar తెలుగు Македонски Svenska ಕನ್ನಡ Moore Română Українська ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Wolof ភាសាខ្មែរ Malagasy Српски Lietuvių Kinyarwanda Shqip தமிழ் မြန်မာالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa aduun isa keessatti baatu hunda keessatti malaa'ikoonni lama gad bu’anii akka lallaban himan, tokkoon isaanii akkana jedha: Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti, maatii ofii irratti keessummoota irrattii fi karaa tola ooltummaa keessatti nama waa kennatuuf bakka bu’aa kenni, waan baaseef waan gaariin beenyaa isaaf kenni, barakaas isaaf godhi. Inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti hin kennineef badii kenni, qabeenya isaa kan namoota haqa isa godhatan irraa isa dhoorges jalaa balleessi.فوائد الحديث
Beenyaa dabalataa akka argatuu fi waan baase caalaan akka bakka isaaf buusu nama arjaaf du'aa'ii godhuun akka danda'amuudha, nama gadadoo qabu immoo qabeenyi isaa kan inni ittiin don'oomee waan Rabbiin isa irratti dirqama taasise keessatti isa baasuu dide isa jalaa akka badu isa abaaruun akka danda'amuudha.
Malaa'ikoonni mu'umintoota gaggaarii kennataniif kheyrii fi barakaan akka isaanif kadhataniidha, kadhannaan isaanii qeebalamaadha.
Wantoota dirqamaa fi tola ooltummaa keessatti kennachuu irratti kakaasuudha; kan akka maatiidhaaf baasii baasuu, rahima fufuu fi karaalee kheyrii hunda keessatti kennachuu.
Sadarkaa nama karaa kheyrii keessatti baasii baasuu ibsuudha, akkasumas Rabbiin akka isaaf bakka buusu ibsuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Kheyrii irraa wanta isin baastan hundumaa inni bakka isa buusa, Inni irra caalaa warra warra soorata kennaniiti﴿ [Saba'a: 39].
Kadhannaan kun nama baasii malu kaffaluu irraa of qusate irratti godhama, baasiin sunnaa immoo kana keessa hin galu; Sababni isaas abbaa isaatif abaarsi kun waan hin malleef jecha.
Gadadoo fi don'ummaan haraama ta'uu.
التصنيفات
sadaqaa dabalataa