إعدادات العرض
''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama
''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama
Abuu Muusaa al-ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama".
[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் සිංහල မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Hausa ไทย دری Akan Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Azərbaycan Wolof Soomaali Українська bm km rn ქართული Македонски Српски yaoالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tola Rabbiitii fi rahamata Isaa irraa himan, dhugumatti muslimni yeroo fayyaa qabuu fi biyya isaa jiraatutti aadaa isaa irraa hojii gaarii kan hojjatu ta'ee eegasii sababaan yoo isatti argamee dhukkubsatee isa hojjachuu dadhabe yookaan isa irra imala ba'uun yoo qabame, yookaan sababa kamiinuu ta'u; dhugumatti mindaa guutuutu isaaf barreeffama, akkuma waan yoo haala fayyaa qabuu fi biyya isaa jiru hojjatetti.فوائد الحديث
Bal'ina tola Rabbii garboottan Isaa irratti.
Rabbiif kheyrii hojjachuu keessatti tattaaffii gochuu fi yeroo fayyaa qabanuu fi duwwaa ta'anitti yerootti fayyadamuutti kakaasuu.
التصنيفات
darkaa islaamaatiifii tolinna isaa