Yaa gurbaa!, ani jechootawwanin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu

Yaa gurbaa!, ani jechootawwanin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Gaafa tokko booda Ergamaa Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ture, ni jedhani: " Yaa gurbaa!, ani jechootawwanin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki! ummanni guutuun waan tokkoon si fayyaduuf jecha osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif barreesseen malee homaa woma tokkoon si fayyaduu hin danda'anu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf jecha osoo walitti qabamani, waan Rabbiin sila sirratti barreesseen malee homaa woma tokkoon si miidhuu hin danda'anu, qalamiiwwan kaafamte, barruuleewwan gogde".

[sirrii] [tirmizii odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Ibnu Abbaas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- gurbaa xiqqoo nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbata ture, Nabiyyiin -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ani wantoota Rabbiin ittiin si fayyadun si barsiisa isaan jedhani: Ajaja Isaa tiksuu fi dhoorgaa isaa irraa fagaachuun Rabbiin tiksi, bakka Inni kheyrii hojachuu fi Isatti dhihaachuu keessatti si arguutti, akkasumas bakka Inni badiiwwanii fi diliiwwan keessatti si hin agarreetti, yoo sana hojjate mindaan kee hamtuu duuniiyaa fi Aakhiraa irraa Rabbiin si eeguu fi garamuu deemtu dhimmoowwan kee keessatti siif tumsuu ta'a. Waan tokko gaafachuu yoo barbaadde, Rabbiin malee hin gaafatin, kan gaafataaf deebsu Isuma qofa waan ta'eef. Gargaarsa yoo barbaadde immoo Rabbiin malee hin gargaarsifatin. Worri dachii hundi si fayyaduu irratti osoo walitti qabamanii waan Rabbiin siif barreesse malee fayidaan kamuu akka siif hin argamne shakkii tokko malee baeekuu qabda, akkasumas worri dachii irraa hundi si miidhuuf jecha osoo walitti qabamanii waan Rabbiin sirratti murteesseen malee homaa akka si miidhuu hin dandeenye shakkii tokko malee beekuu qabda. Waan kana dhugumaan Rabbiin -injifatee fi guddate- ogummaan Isaati fi beekumsi Isaa akka akeekuun isa barreessee fi isa murteessee jira, waan Rabbiin barreesse jirjiruun gonkuma hin danda'amu.

فوائد الحديث

Barbaachisummaa Xixiqqoowwanii fi ijoollewwan dhimmoota tawhiidaa, naamuusaa fi kan biroo barsiisuun qabuudha.

Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.

Waan Isa malee jiru dhiisanii Rabbiin qofa irratti hirkachuu fi Isuma qofa irratti tawakkaluutti ajajuudha, keessa, Inni hirkoof waa tole.

Murtoo, qadaratti amanuu fi isa jaallachuudha, Rabbiin dhugumatti waan hundaa qaddaree jira.

Nama ajaja Rabbii gate Rabbiin isa gata, isas hin tiksu.

التصنيفات

sadarkaa murtiifii qadara Rabbii