mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee

mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Namtichi wohii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun gaafate: mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee, sana irratti homaa dabaluu dhabe, jannata nan seenaa? Ergamaanis: "eeyyeen" jedhan, namtichis: Wollaahii sana irratti homaa hin dabalu jedhe.

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni salaatowwan dirqamaa salaatee sunnaawwan irraa homaa isiitti hin daballe, ramadaana dirqamaas soomee sunnaa kan hin soomne, halaalummaa waan halaala ta'eettis amanee isa yoo hojjate, akkasumas haraamummaa waan haraama ta'eettis amanee isa irraa yoo fagaate, inni dhugumatti jannata akka seenu ibsani.

فوائد الحديث

Wantoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuu irratti, akkasumas xumurri isaa jannata seenuu t'uu irratti bolola muslimni qabuudha.

Barbaachisummaa halaala hojjachuu fi halaalummaa isiitti amanuun qabuudha, akkasumas barbaachisummaa waan haraama ta'e harramsuu fi haraamummaa isaatti amanuun qabuudha.

Wontoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuun jannata seenuuf sababaadha.

التصنيفات

maqqaaleefii murtiiwwan, damee iimaanaa, sadarkaa salaataa