إعدادات العرض
faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti
faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya waan isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa birattti irra jaallatamaa ta'etu lubbuu isaa keessatti itti dhaga'ama -waan afaaniin dubbachuun isatti ulfaatu wohiitti akeekee-, ergamaanis ni jedhan: "Rabbi guddate, Rabbi guddate, faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti".
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Kurdî Wolof Soomaali Français Tagalog Azərbaycan Українська bm தமிழ் Deutsch ქართული Português Македонски Magyar فارسی Русский 中文الشرح
Namtichi tokko gara nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, tokkoon keenya dubbii lubbuu keessa deddeemutu wohiitu lubbuu isaatti dhag'ama garuu isa irraa dubbachuun ulfaataadha, sadarkaa isa dubbachuu irra daaraa ta'uun isa biratti irra jaallatamaa ta'utti, Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lama takbiiraa jechuun Rabbiin shira shayxaanaa waswasaa qofatti deebisuu isaatiiif Isa galatoomfatan.فوائد الحديث
Shayxaanni iimaana irraa gara kufriitti mu'uminoota deebisuudhaaf waswasaadhaan akka isaan eeggatu ibsuutu keessa jira.
Shayxaanni warra iimaanaa waliin dadhabaa akka ta'ee fi Waswasaa irratti malee homaa akka hin dandeenye ibsuudha.
Mu'uminni waswasaa shayxaanaa irraa garagaluu fi isii deebisuutu isa irra jira.
Yeroo waan gaarii yookaan dinqisiisu yookaan wantoota sana fakkaatan arganitti takbiiraa jechuun karaa godhamuu isaatu keessa jira.
Muslimni waan isa dhibe hunda beekaa gaafachuu akka qabu karaa godhamuu isaatu keessa jira.