إعدادات العرض
tokkoon keessan yeroo gara maatii isaatti deebi'etti gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi isaan biratti argachuu ni jaallataa?
tokkoon keessan yeroo gara maatii isaatti deebi'etti gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi isaan biratti argachuu ni jaallataa?
Abuu hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «tokkoon keessan yeroo gara maatii isaatti deebi'etti gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi isaan biratti argachuu ni jaallataa?» nutis: eeyyeen ni jaallanna jenne. Ergamaanis ni jedhan: «Aayaa sadi kan tokkoon keessan salaata isaa keessatti qara'utu, gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi irra isaaf caala».
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Kurdî Moore Soomaali Wolof Français Tagalog Українська Azərbaycan தமிழ் bm Deutsch ქართული Português Македонски Magyar Lingala Русский 中文 فارسیالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan Aayaa sadi salaata keessatti qara'uu; ilmi namaa mana isaa keessatti gaala rimaa gurguddoo gagabbattuu sadi argachuu irra isaaf akka caalu ibsani.فوائد الحديث
salaata keessatti qur'aana qara'uun sadarkaa inni qabu ibsuutu keessa jira.
hojiiwwan gaggaariin meeshaalee jireenya adduuniyaa irra kan caaltuu fi haftuuu taatedha.
sadarkaan kun aayaa sadi qofa qara'uu irratti kan daangeffamuu miti; hanguma namni salaatu salaata isaa keessatti aayaatowwan qara'uu dabaluun mindaan isiis gaalowwan rimaa qaban lakkoofsa isii irra isaaf caala.
التصنيفات
sadarkaa qur'aana kabajamaa