Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanattis qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuuti

Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanattis qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuuti

Abdullaah bin amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanattis qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuuti».

[hasani] [abuu daawud odeesse - tirmizii odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama qur'aana qara'u, kan waan isa keessa jirutti hojjatu, kan isa qara'uu fi qomatti isa haffazuun yeroo mara isaan woliin jiruun yeroo jannata seenetti akkas akka jedhamuun himani: qur'aana qara'i, isaan darajaa jannataa keessa ol ba'i, akkasuma akkuma duuniyaa keessatti isa qara'aa turtetti suutaa fi tasgabbiin isa qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuuti.

فوائد الحديث

mindaan kan ta'u hangaa fi akkaataa hojiitiini.

qur'aana qara'uu, isa tolchuu, qomatti isa qabachuu, isa xiinxaluu fi isatti hojjachuutti kakaasuutu keessa jira.

jannanni qubsumaa fi sadarkaawwan hedduu qabdi, worri qur'aanaa isii keessaa irra olaantuu sadarkaa argata.

التصنيفات

sadarkaa qur'aanatti xiyyeeffachuu., sadarkaa qur'aana kabajamaa