إعدادات العرض
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha…
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”
Abuu Humeyd ykn Abuu Useyd irraa odeeffamee akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: “Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”.
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली മലയാളം తెలుగు Bosanski Italiano ಕನ್ನಡ Kurdî Română Soomaali Shqip Српски Українська Wolof Tagalog Moore Malagasy தமிழ் Azərbaycan فارسی ქართული 中文 Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo masjida seenan ummata isaanii waan jedhamuu qabutti qajeelchan: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmstik), Rabbiin sababoota rahmata Isaa akka isaaf mijeessu ni kadhata. yeroo bahu ammoo haa jedhuu: (Allaahumma innii as'aluka min fadlik), tolaa fi arjummaa Isaa irraa dabalataa rizqii halaal Rabbiin ni kadhata.فوائد الحديث
Yeroo masjiida seenanii fi bahan du'aa'ii kana jechuun akka jaalatamuudha.
Yeroo seensaa rahmanni wanni dubbatamee, yeroo bahan ammoo tolinni wanni dubbatameef: Namichi seenu waan gara Rabbiiti fi jannata Isatti isa dhiheessutti yoo seenu wanta gara Rabbii fi Jannata isaatti isa dhiheessu irratti waan bobba'uuf jecha, kanaaf rahmata dubbachuun sirrii ta'e, yeroo ba'e ammoo dachii keessa deemuun rizqii Rabbii barbaada, kanaaf tolina dubbachuun sirrii ta'e.
Du'aa'in kun yeroo masjiida seenuu fedhanii fi yeroo masjiida irraa bahuu fedhan jedhama.