إعدادات العرض
Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne
Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne
Abuu Bashiir Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-: Garii imala isaanii keessatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turee, akkana jedhe: namootaa bakka bultuma isaanii jiranuu ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun ergamaa wohii ergani: «Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල دری Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda नेपाली Српски Wolof Soomaali Moore Українська Български Azərbaycan ქართული тоҷикӣ Bambara Македонски ភាសាខ្មែរ मराठी ਪੰਜਾਬੀ Italiano አማርኛ O‘zbekالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii imala isaanii irra haala turanitti, namoonni dunkaanaa fi manneen isaanii keessatti bakka hirriba isaanii kan keessa bulan turani, gara namootaatti nama wohii akka fannoowwan morma gaalaa irratti fannifaman, hidhaa xiyyaa irraa ta'us yookaan kan biraa kan akka callee yookaan kophee irraa ta'us waan morma gaalaa irratti fannifame kututti akka isaan ajajuuf eragani, sodaa ijaatiif jecha waan sana fannisu ture, isa kutytti ajajamani; homaa deebisuu waan hin dandeenyeef jecha, fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii hiriyaa hin qabnee qofa jira.فوائد الحديث
Faayidaa barbaaduuf yookaan miidhaa deebisuuf jecha haada xiyyaa fi fannoo fannisuun haraama ta'uu isaa; shirkii irraa waan ta'eef jecha.
Haada xiyyaatiin alatti bareedinaaf yookaan horii ittiin qajeelchuuf yookaan ittiin hidhuuf yoo ta'e fannoo mormatti fannisuun rakkoo hin qabu.
Akkaataa dandeettiitiin badii dhoorguun dhirqama ta'uu isaa.
Qalbiin Rabbiin qofatti rarra'uun dirqama ta'uu isaa.
التصنيفات
tawhiida gabbaramummaa