Malaa'ikonni imaltoota isaanin waliin saree fi bilbilli jiru waliin hin deeman

Malaa'ikonni imaltoota isaanin waliin saree fi bilbilli jiru waliin hin deeman

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin isa irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: "Malaa'ikonni imaltoota isaanin waliin saree fi bilbilli jiru waliin hin deeman".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, malaa'ikonni imaltoota imala keessatti isaanin waliin sareen jiru, ykn bilbilli beyladaa irratti fannifamee yeroo isheen sochoote sagalee argamsiisu jiru waliin akka hin imalle himani.

فوائد الحديث

Saree adamsaaf ykn eegemsaaf fayyadaman malee, saree qabaachuu fi of waliin oofuun dhorgaa ta'uudha.

Malaa'ikoonni saahibummaa irraa didan sun isaan malaa'ikoota rahmataa yoo ta’an, malaa'ikoonni nama eegan ammoo deemsaa fi teessuma keessattis gabrootaan addaan hin bahan.

Bilbilli dhoorgaa ta'uudha; Sababni isaas; shubbisoowwan sheyxaanaa keessaa tokko waan ta'eef jecha, akkasumas bilbila kiristaanatti fakkaachutu isa keessa jira.

Muslimni waan malaa'ikoota isa irraa fageessuu danda’u hunda irraa of eeggachuudha qaba.

التصنيفات

malaaykaa