Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan,

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan,

Ibnu Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan, yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedhan qixxee ceekuu isaanii lamaanitti harka isaanii lamaan kan ol kaasan ta'an, akkasumas yeroo jilba qabachuu irraa mataa isaanii ol kaasan harka isaanii lamaan ol kaasanii, akkana kan jedhan ta'an: «Sami'allaahu Liman Hamidahu, Rabbanaa walakal hamd», hiikkaan isaatis Rabbiin nama Isa faarse dhagahe, yaa Rabbii keenya faaruun keeti jechuudha. Yeroo sujuuda godhan sana kan hin hojjenne ta'an.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan harka isaanii hanga sirrii ceekuu isaanitti bakkoolee sadii keessatti kan ol kaasan ta'an, ceekuu walitti qabama lafee gateettii fi irreeti. Bakki tokkoffaa: Yeroo salaata takbiiraa hidhannaatiin jalqabeedha. Lammaffaan: Yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedheedha. Sadaffaan: Yeroo jilba qabachuu irraa ol jedhee akkas jedhu:- Sami'allaahu Liman hamidah, Rabbanaa walakal hamd. Yeroo sujuuda jalqabuu fi yeroo irraa ol jedhu harka isaa lamaan ol hin kaasu.

فوائد الحديث

Ogummaalee salaata keessatti harka lamaan ol kaasuu keessaa tokko sun faaya salaataa fi Rabbiin -Inni qulqullaa'e- guddisuudha.

Akkuma gabaasa Abbaa Humeyd Al-Saa’idii kan Abii Daawuudii fi nama biroo bira jiru keessatti eddoo afraffaa keessatti harka isaanii lamaan ol kaasuun isaan irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufeera, innis Salaata rak'aa sadii fi afurii keessatti yeroo Tashahhud jalqabaa irraa dhaabbataniidha.

Ammas yeroo harka isaanii lamaan ol kaasan osoo hin tuqne qixa gurra isaanii lamaanitti kan ol kaasan ta'uun isaan irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufeera, sunis akka gabaasa Maalik bin Al-huweyris kan sahiiha lamaan keessa jiru keessa jirutti: «Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- yeroo Allaahu akbar harka isaanii lamaan qixa gurra isaanii lamaanitti kan ol kaasan ta'an».

Jidduu "sami'allaahu Liman hamidah" jechuu fi "Rabbanaa walakal hamd" jechuu walitti qabuun imaama fi nama kophaa salaatuufi, namni imaama duubaan salaatu ammoo akkana jedha: "Rabbanaa walakal hamd".

Jechi erga jilba qabatanii ol jedhanii: "Rabbanaa lakal hamd" jedhu akkaataa afuriin Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mirkanaa'ee jira. kun san irraa tokkoodha, irra caalaan namichi akkaataa kanneen keessaa yeroo tokko kana yeroo kan biraa jechuun hordofuudha.

التصنيفات

akkaataa salaataa