إعدادات العرض
Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee
Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee
Sahal bin huneef irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee».
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල አማርኛ অসমীয়া ગુજરાતી Tiếng Việt Nederlands پښتو नेपाली ไทย Svenska മലയാളം Кыргызча Română తెలుగు Malagasy ಕನ್ನಡ Српски ქართული Moore Kinyarwanda Magyar Македонски Čeština Українськаالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni karaa Rabbii irratti shahiidummaa fi ajjeefamuu gaafate, niyyaa isaa sana keessatti immoo dhugaa fI ikhlaasa qabaate, niyyaa isaa dhugaa sanaan Rabbiin sadarkoolee shahiidotaa isaaf akka kennu himani, jihaadaan alatti firaasha isaa irratti yoo du'ellee.فوائد الحديث
Waan danda'amu hojjataa niyyaan dhugoomuun sababaa mindaa fi ajrii yaadanitti ittiin ga'anidha, hojii barbaadamu sana yoo hin hojjannellee.
Jihaadaa fi karaa Rabbii keessatti shahiidomuu barbaaduutti kakaasuutu keessa jira.
Kabajaa Rabbiin ummata kanaaf godhe, hojii xiqqoodhaan jannata keessatti sadarkaa olaanaa isaaniif kenna.