إعدادات العرض
Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati
Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati
Abuu umaamaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: amri ibnu abasaan nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu akka dhaga'ee jiru naaf odeesse: «Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati yeroo sanatti worra Rabbiin zakkaran irraa ta'uu yoo dandeesse ta'i».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Bahasa Indonesia Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Français Tiếng Việt සිංහල Hausa Kurdî Kiswahili Português தமிழ் Русский አማርኛ অসমীয়া ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली ไทย മലയാളം Svenska Кыргызча Română Malagasy ಕನ್ನಡ Српски తెలుగు ქართული Moore Kinyarwanda Magyar Македонски Čeština Українськаالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin gabrichatti irra dhihoo kan ta'u halkan gara dhumaa akka ta'e himani; -yaa nama mu'uminaa- yoo woffaqamtee dandeesse yeroo kana keessatti worra Rabiin gabbaranu kan salaatanu, zakkaranu, gara isaa deebi'anu irra akka taatuuf inni dhimma isa booji'achuu fi isa keessatti tattaffachuun haalaan barbaachisuudha.فوائد الحديث
Dhuma halkanii keessa Rabbiin zakkaruutti muslima kakaasuu.
Yeroowwan zikrii, kadhaa fi salaataaf gidduu isaanitti kan wol caalu ta'uudha.
Aalimni miirak jedhamu addaa addummaan jecha: "Rabbiin gabrichatti irra dhihoo kan ta'u" jedhuufi jecha: "gabrichi Rabbii isaatti irra dhihoo kan ta'u yeroo sujuuda keessa jirudha" jedhu gidduu jiru keessatti akkana jedhe: kan jalqabaa irratti yeroo Rabbiin gabrichatti irra dhihoo ta'u ibsuudha, innis halkan wolakkaadha, jechi inni lammaffaan immoo yeroo gabrichi Rabbii isaatti irra itti dhihaatu ibsuudha, innis yeroo sujuudaati.