إعدادات العرض
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan harka isaanii -ykn uffata isaanii- afaan isaanii irra kaa'anii, isaan sagalee isaanii kan gadi qaban ta'an
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan harka isaanii -ykn uffata isaanii- afaan isaanii irra kaa'anii, isaan sagalee isaanii kan gadi qaban ta'an
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan harka isaanii -ykn uffata isaanii- afaan isaanii irra kaa'anii, isaan sagalee isaanii kan gadi qaban ta'an.
[sirrii] [abuu daawud tirmizii fiiahmad odeessan]
الترجمة
العربية Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල دری অসমীয়া ไทย Tiếng Việt አማርኛ Svenska Кыргызча Yorùbá ગુજરાતી नेपाली മലയാളം Română Nederlands Soomaali پښتو తెలుగు Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Malagasy Српски Moore ქართულიالشرح
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan: Tokkoffaa: Harka isaanii ykn uffata isaanii afaan isaanii irra kan kaa’an ta'an; sababni isaas wanni nama isaan bira taa'u azaa godhu afaan ykn funyaan isaanii irraa akka hin baanef jecha. Lammaffaa: Sagalee isaanii gadi qaban malee ol hin kaasan.فوائد الحديث
Haxxifachuu keessatti karaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ibsuu fi sanaan keessatti isaan hordofuudha.
Uffata ykn sooftii fi waan biroo yeroo haxxifatan afaan ykn funyaan irra kaayuun jaalatamaa ta'uudha; sababni isaas wanni nama isa bira taa'u azaa godhu akka irraa hin baanef jecha.
Yeroo haxxiffatan sagalee ofii gadi qabachuun barbaachisaa yoo ta’u, innis mallattoo naamusa gaarii qabaachuu irraahi.