namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti

namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti

Uqbaa bin Aamir al-juhanii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti».

[sirrii] [abuu daawud odeesse - tirmizii odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama mul'isee sadaqaa kennuu akka ta'e, akkasumas namni gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama dhoksee sadaqaa kennuu akka ta'e ibsani.

فوائد الحديث

akkuma sadaqaa dhoksanii kennuun irra caalaaa ta'etti, qur'aana dhoksanii qara'uunis irra caalaadha, iklaasni waan isa keessa jiruu fi agarsiifannaa fi of dinqisiifachuu irraa fagaachuun waan isa keessa jiruuf jecha, sagalee ol qabanii qara'uutti haajaan yoo nama waamte malee, akka qur'aana barsiisuufaa.

التصنيفات

sadarkaa qur'aana kabajamaa, sadarkaa hojii qlbii, naamusa qaraatii qur'aanaa