إعدادات العرض
Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi
Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi
Abuu Muhammad Al-Hasan ibnu Aliyyi ibnu Abii Xaalib -ilma intala ergamaa Rabbiitii fi urgaa'aa isaanii kan ta'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa akka odeeffametti, ni jedhe: ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun qomatti qabadhe: «Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi».
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் ไทย Deutsch پښتو অসমীয়া Shqip Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayu မြန်မာالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechootaa fi hojiiwwan irraa wantoota dhoorgame moo hin dhoorgamne, inni halaala moo haraama jettee shakkitu dhistee, gara waan bareedina isaa fi halaalummaa isaa mirkaneeffattee, kan shakkiin isa keessa hin jirreetti akka deebitu ajajani.فوائد الحديث
Muslimni waan shakkii qabu dhiisee dhimmoota isaa waan mirkanaa’ina qabu irratti hundaa’ee hojechuun barbaachisaa akka ta'eedha, akkasumas amantii isaa irratti hubannoo cimaa qabaachuu akka qabuudha.
Waan halaalaa fi haraama ta'uu shakkan keessatti kufuu irraa dhoorguudha.
Yoo tasgabbii fi haragalfannaa barbaadde, shakkamaa dhiisii cinatti darbi.
Rabbiin gabroota isaatif akka rahmata godheedha, waan tasgabbii sammuu fi lubbuu isaanitiif fidu akka hojjetan isaan ajajee, waan yaaddoo fi burjaajii isaan irratti fidu irraa isaan yeroo dhoorge keessatti.
