إعدادات العرض
Isiin sun jecha tokko kan dhugaa irraa taate kan jinniin isii butuun gurra jaalallee isaa keessatti akka lukkuun iyyaansa isii deddeebistutti deddeebisa, kijiba dhibbaa ol isiitti maku
Isiin sun jecha tokko kan dhugaa irraa taate kan jinniin isii butuun gurra jaalallee isaa keessatti akka lukkuun iyyaansa isii deddeebistutti deddeebisa, kijiba dhibbaa ol isiitti maku
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: Namoonni wohii raagdota irraa ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatani, Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaaniin jedhani: «Isaan homaa miti» isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, isaan yeroo garii waa odeessanii jennaan haqa ta'a, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Isiin sun jecha tokko kan dhugaa irraa taate kan jinniin isii butuun gurra jaalallee isaa keessatti akka lukkuun iyyaansa isii deddeebistutti deddeebisa, kijiba dhibbaa ol isiitti maku».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் සිංහල မြန်မာ ไทย 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Hausa دری Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda नेपाली Српски Soomaali Deutsch Moore Українська Български Wolof Azərbaycan ქართული тоҷикӣ Bambara Македонски ភាសាខ្មែរ मराठी ਪੰਜਾਬੀ Italiano አማርኛ O‘zbekالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- worra waan fagoo fuulduratti dhufu dubbatan irraa gaafatamanii, isaanitti hin dhimmaminaa, haasawa isaaniis hin fudhatinaa, dhimmi isaaniis isin hin yaachisin jedhani. isaanis ni jedhani: jechi isaanii yeroo garii qabatama jiruun wol simata, akka wonti fagoo wohii baatii akkasii fi guyyaa akkasii keessatti ni argama jechuu duubbatanii jennaan, akka isaan dubbatanitti argama. ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: jinniin oduu samii dhaga'an irraa butanii, gara jaalalloota isaanii raagdotaatti bu'uun waan dhaga'an isaanitti himu, eegasii raagaan sun isa dhaga'e kana irratti kijiba dhibba tokko dabalee odeessa.فوائد الحديث
Raagdota dhugeessuu irraa dhoorguudha, yeroo garii dhugaa dubbatanus wanti isaan jedhan kijibaa fi waan haaraa uumameedha.
Nabiyyiin ergamuudhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jinnii urjii darbamu jalaa miliqee oduu hatu yoo ta'e malee sheexaanni wahyiis ta'ee kan biraa akka hin dhageenye samiin tikfamteetti.
Jinniin ilmaan namaa irraa jaalallee taasifatu.