Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​

Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​

Haadha Axiyyaa irraa odeeffame Rabbii ishee irraa haa jaalatu, Nabiyyiif waadaa galtee turte, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkas jette: Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​

[sirrii] [abuu daawud odeesse]

الشرح

Sahaabiyyittiin Ummu Axiyya jedhamtu, Rabbiin irraa haa jaalatu, dubartoonni zamana Nabiyyii keessatti nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, bishaan qaama saalaa irraa ba'u -kan bifti isaa gara gurraachoominatti, ykn gara daalachoominatti dabu- eega dhiiga heydii irraa qulqullina arganii laguutti akka isa hin ilaalle himte, kanaafuu sababaa isaatiin salaata fi sooma hin dhiisani.

فوائد الحديث

Bishaan qaama saalaa dubartii irraa ba’u -eega laguu irraa qulqullooftee booda- boora'iinsi fi daalachoominni dhiiga irraa dhufu osoo isa keessa jiraatellee homattuu hin ilaalamuudha.

Yeroo laguu keessatti boora'iinsi fi daalachoominni laguutti ilaalama; sababni isaas inni bishaanitti makate malee yeroo isaa keessatti waan dhufeef jecha.

Dubartiin takka eega qulqulloofte booda boora'iinsa fi daalachoominaa jettee salaata fi sooma hin dhiisuu hin qabdu, wuduu’a godhattee salaatu qabdi malee.

التصنيفات

heydii dhiiga dayuumsaafii kan dhukkubaa