Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu, karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha

Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu, karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha

Abuu Muusaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee nama gootummaa, gosaa fi naaf argiidhaaf qabsaa’uu ilaalchisee, kanneen keessaa kamtu karaa Rabbii irratti qabsaa'aadha jechuu irraa gaafatamanii?, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu, karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wal dhabiinsa kaayyoo qabsaa'otaa ilaalchisee; isaan irraa nama gootummaaf ykn gosaaf ykn namoota jidduu akka sadarkaan isaa muldhatuuf ykn waan biroof qabsaa'utu jira, kanneen keessaa kamtu karaa Rabbii keessatti qabsaa'e jechuu irraa gaafataman? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- karaa Rabbii keessatti qabsaa'aan: nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka qabaatuuf qabsaa'e ta'uu himan.

فوائد الحديث

Tolina hojii fi badii isaa keessatti hundeen niyyaa fi dalagaa san Rabbiif jecha qulqulleessanii hojechuu akka ta'eedha.

Kaayyoon namichaa jihaadaa irraa jecha Rabbii ol qabuu yoo ta'ee, kaayyoon biraa seera qabeessa kan ta'e kan akka boojuu argachuu yoo itti dabalame, kun kaayyoo isaa kan jalqabaa akka hin miineedha.

Diinota biyyoota fi eddoolee kabajamoo ta'an irraa ittisuun karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irraa akka ta'eedha.

Sadarkaan qabsaa'ota keessatti dhufe warra Jechi Rabbii ol’aantummaa akka argatuuf qabsaa’an qofa ilaallataadha.

التصنيفات

naamusoota duula