إعدادات العرض
Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadee ture".
الترجمة
العربية Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी বাংলা ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල ไทย دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली Malagasy Italiano or ಕನ್ನಡ Română Soomaali Српски Wolof Українська Moore Tagalogالشرح
Nabiyyiin -nageenyi fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- waa’ee munaafiqootaa fi laafina isaan salaata irratti, keessattuu salaata lamaan Ishaa'ii fi Fajrii irratti qabanii fi mindaa jama'aa muslimootaa wajjiin isaan lamaan raawwachuu keessa jiru osoo beekanii, silaa harkaa fi jilbaan akka daa'imaatti shorroqanii isaan lamaan akka dhufan himan. Salaata jama'aa ykn waloo masjiidatti salaatuu dhabuun balaa hamaa akka tahe ibsuudha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- salaanni akka gaggeeffamu ajajanii, nama bakka isaanii bu'ee ummataan salaatu muudanii, eegasii dhiirota muka qoraanii baatan waliin deemanii dhiirota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti maneen isaanii ibiddaan gubuu irratti dhugumatti murataniiru; hammeenya badii isaan raawwatan irraa kan ka'een, -garuu isaan akkas hin goone- sababni isaas dubartootaa fi ijoolleen cubbuu hin qabne, akkasumas namoonni biroo kan uzrii (rakkoo) qabanii fi badii tokkollee hin qabne manneen keessa waan jiraniif jecha.فوائد الحديث
Salaata jama'aa ykn waloo masjiidatti salaatuu dhabuun balaa hamaa akka tahe ibsuudha.
Munaafiqonni ibaadaa isaanii keessatti nama agarsiifachuu fi dhageessifachuu malee yaada biraa waan hin qabneef, yeroo namoonni isaan argan malee gara salaataa hin dhufan.
Salaata Ishaa fi Fajrii jama’aa waliin salaatuun mindaa guddaa akka qabuu fi osoo shorroqiinsalleen ta'ee isaan lamaan dhufuun barbaachisaa akka ta'eedha.
Salaata Ishaa fi Fajrii salaatuun munaafiqummaa irraa nagaa ta'uu agarsiisa, isaan lamaan irraa hafuun ammoo mallattoolee munaafiqootaa keessaa isa tokko.