إعدادات العرض
guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''
guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isarraa haa jaallatu- ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! guyyaa qiyaamaa magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu jedhame? Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Yaa Abaa hurayraa hoo! bolollii ati hadiisaaf qabdu waanan argeef jecha eenyunuu si dursee hadiisa kana irraa akka na hin gaafanne dhugaan yaadeen ture, guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල தமிழ் ไทย دری Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Akan नेपाली Moore Azərbaycan Wolof Soomaali Українська bm km rn ქართული Македонски Српскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaa dhugumatti irra milkaa'aan namaa nama onnee isaa irraa qulqulleessee ''Laa ilaaha illallaah" jedhe, akka ta'e himan, akkas jechuun haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas shirkii fi namni na haa arguu irraa qulqulluu ta'uudha.فوائد الحديث
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-Aakhiratti magantaa akka dhaabbattanuu fi isiin immoo worra Rabbiin tokkichoomsaniif malee nama biraatiif akka hin taane raggaasisuudha.
Magantaan isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isiin isaan gara Rabbiitti magantaa dhaabbachuudha worrra Rabbiiin tokkichoomsan irraa nama ibidda haqa godhateef akka isii hin seenneef, namni isii seene immoo akka isii keessaa ba'uuf.
Sadarkaa jechi tawhiidaa Rabbii ol ta'eef qulqulluu taate qabduu fi guddiina bu'aa isiiti.
Jecha tawhiidaa mirkaneessuun hiikkaa isii baruu fi akeeka isiitti hojjachuudha.
Sadarkaa Abuu hurayraan -Rabbi isa irraa haa jaallatu- qabuu fi bolollii beekumsaaf qabuudha.
التصنيفات
tawhiida gabbaramummaa