Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena

Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha tokko jedhan, anis kan biraatiin jedhe, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ":Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena". Anis nin jedhee: Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee isa hin kadhatin jannata seena.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan Rabbiif ta’uu qabu waan biraatiif godhe, sun akka waan biraa Rabbiin alatti kadhachuu, yookaan Rabbiin alatti waan biraa irraa dirmachuu barbaaduuti, ergasii sana irratti kan du’e, inni warra Ibidda irraa akka ta'u himan. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- itti dabaluudhaan, namni waa tokko osoo Rabbitti hin dabalin du’e, hireen isaa Jannata ta’a jedhe.

فوائد الحديث

Kadhannaan/du'aa'in ibaadaa waan ta'eef Rabbiif qofa malee kan biraatif akka hin laatamneedha.

Sadarkaa tawhiidni qabuu fi dhugamatti namni isa irratti du'e garii badiiwwan isaa irrattillee osoo adabamee jannata seenuun isaa hin hafuudha.

Hammeenya Rabbitti qindeessuun qabuu fi dhugumatti namni shirkirratti du'e ibidda galaadha.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa