Wanta shakkitu dhiisii, gara waan hin shakkinee deemi, dhugumatti dhugaan tasgabbii dha, sobni immoo shakkii dha

Wanta shakkitu dhiisii, gara waan hin shakkinee deemi, dhugumatti dhugaan tasgabbii dha, sobni immoo shakkii dha

Abuu Al-Hawraa Al-Sa'adii irraa akka odeeffametti akkana jedhe: akkana jedhe: Al-Hasan bin Aliyyiitin -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkanan jedheen: Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- maal haffazte/sammutti qabatte? innis ni jedhe: Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kanan haffaze: «Wanta shakkitu dhiisii, gara waan hin shakkinee deemi, dhugumatti dhugaan tasgabbii dha, sobni immoo shakkii dha».

[sirrii]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota gochoota irraa waan dhoorgama moo mitii, haraama moo ykn halaalii keessatti shakkitu dhisanii gara waan shakkii hin qabne kan gaarummaa fi halaalummaan isaa mirkanaa'e dabutti ajajaniiru, sababni isaas qalbiin isatti waan ni tasgabbaa'uf jecha, waan shakkiin isa keessa jiru immoo qalbiin irraa dhiphatee jeeqama.

فوائد الحديث

Muslimni waan shakkii qabu dhiisee dhimmoota isaa waan mirkanaa’ina qabu irratti hundaa’ee hojechuun barbaachisaa akka ta'eedha, akkasumas amantii isaa irratti hubannoo cimaa qabaachuu akka qabuudha.

Waan halaalaa fi haraama ta'uu shakkan keessatti kufuu irraa dhoorguudha.

Yoo tasgabbii fi haragalfannaa barbaadde, shakkamaa dhiisii ​​cinatti darbi.

Rabbiin gabroota isaatif akka rahmata godheedha, waan tasgabbii sammuu fi lubbuu isaanitiif fidu akka hojjetan isaan ajajee, waan yaaddoo fi burjaajii isaan irratti fidu irraa isaan yeroo dhoorge keessatti.

التصنيفات

waldiddaafii injifachiisuu