Ruqaa, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha

Ruqaa, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha

Abdullaah ilma Masu'ud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Ruqaa, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha".

[sirrii] [ibnumaajah odeesse - abuu daawud odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota isii hojjachuun shirkii irraa lakkaa'amu ibssniiru; isii keessa: Tokkoffaan: Ruqaadha: inni haasawa worroonni jaahiliyyaa ittiin dawaa godhatan kan shirkii of keessatti qabatuudha. Lammaffaan: Masubaa fi kan sana fakkaatu irraa waan rarraafatamu,: ija akka deebistuuf jecha isii ijjoollee, horii fi kan biroo irratti fannifamtuudha. Sadaffaan: Tiwalaadha (jaallachiistuu): isii haadha manaa fi abba manaa wol jaallachiisuuf jecha hojjatamtuudha. Wontootni tun shirkii irraayi; isiin waan tokko sababa gochuu irraa waan taateef jecha, inni sababa shari'aa kan ragaan ragga'ee miti, akkasumas sababa mul'ataa yaaliin ragga'es miti. Sababoowwan shari'aa kan akka qur'aana qara'uufaa, yookaan sababoowwan mul'atoo ta'an kan akka dawaawwan yaaliin ragga'aniifaa, isiin sababoota irraayi jedhanii amanuu waliin eeyyamamtuudha, dhugumatti fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii jira.

فوائد الحديث

Tawhiidaa fi Aqiidaa waan isa hir'isu irraa eeguudha.

Ruqaa shirkii irraa ta'e, hirzii fi wan wol jaallachiisu fayyadamuun haraama ta'uudha.

Wantoota tanneen sadan sababa jedhanii amanuun: isiin shirkii xiqoodha; waan sababa hin taane sababa taasisuu waan ta'eef, yoo matuma isiitiif fayyaddis miitis jedhee amane immoo inni shirkii guddaa irraayi.

Sababoowwan shirkii fi haraama ta'an hojjachuu irraa sodaachisuudha.

Ruqaan waan isii irraa karaa godhameen ala haraama godhamuu isiitii fi dhugumatti isiin shirkii irraa ta'uudha.

Qalbiin Rabbii tokkicha qofa irratti rarra'uu qabdi, faaydaa fi miidhaan isuma qofa irraayi, shariikni isaaf hin jiru, Rabbiin malee toltuun hin dhufu, akkasumas Rabbii ol ta'e malee hamtuus kan deebisu hin jiru.

Ruqaan eeyyamamtuu taate isii ulaagaa sadii of keessatti qabatteedha: 1- Isiin sababa eeyyama Rabbiitiin malee hin fayyaddu jedhanii amanuudha. 2- Qur'aana, maqoowwan Rabbiitii fi sifaata Isaatiin, akkasumas du'aa'ii nabiyyii fi du'aa'ii karaa godhameen ta'uudha. 3- sarara sararuu fi gowwomsaa kan of keessatti hin qabannee fi afaan hubatamuun ta'uudha.

التصنيفات

ruqyaa shari'aa