Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola

Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga namni tokko qabrii bira darbee bakka abbaa qabrii sanaa ofii du'uu hawwutti qiyaamaan akka hin taane himan, Sababni isaas sababaa cubbuu fi warri cubbuu ol'aantummaa argatanii fitnaan adda addaatii fi badiiwwan muldhachuutiin amantii isaa dhabuu irraa sodaachuu isaati.

فوائد الحديث

Dhuma yeroo irratti dilii fi fitnaan adda addaa akka muldhatan akeekuudha.

Iimaana fi hojiilee gaggaarii hojjachuu fi iddoolee fitnaa fi balaa adda addaa irraa fagaachuun of eeggannoo gochuu fi du'aaf qophaa'urratti kakaasuudha.

التصنيفات

jiruu barzakaa, haala gaggaarotaa, lubbuu qulqulleessuu