إعدادات العرض
Wanti hunduu murtoon ta'a, dadhabbii fi collummaan illee yookaan collummaa fi dadhabbiin illee
Wanti hunduu murtoon ta'a, dadhabbii fi collummaan illee yookaan collummaa fi dadhabbiin illee
Xaawuus irraa akka odeeffametti, ni jedhe: sahaabota ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoottan wohii kan wonti hunduu murtoon ta'a jedhanin qaqqabe, ammas ni jedhe: Abdullaah bin umarii akkas jedhuun dhaga'e -Rabbiin isaan lameenuu irraa haa jaallatu-: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Wanti hunduu murtoon ta'a, dadhabbii fi collummaan illee yookaan collummaa fi dadhabbiin illee».
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Kurdî Soomaali Français Wolof Azərbaycan Tagalog Українська தமிழ் bm Deutsch ქართული Português Македонски Magyar فارسی Русский 中文الشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wanti hunduu murtoon akka ta'u ibsani; dadhabbiin illee, inni: wantooota duuniyaa fi aakhiraa keessatti waan hojjachuun isaa dirqama ta'u dhiisuu fi borun hojjadha ifataanin hojjadha osoo jedhanuu yeroo isaa irra dabarsuudha. collummaan illee, inni: wantoota duuniyaa fi aakhiraa keessatti si'aa'inaa fi collummaa qabaachuudha. Rabbiin guddaan dadhabbii, collummaa fi waan hundaa isatu murteesse, wanti tokkolleen beekumsii fi fedhiin Rabbii dursu malee uumama keeessatti argamuu hin danda'u.فوائد الحديث
Aqiidaa sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- qadara irratti qaban ibsuutu keessa jira.
wanti hunduu murtoo Rabbiitiin ta'a dadhabbii fi si'aa'inni illee.
hadiisa ergamaa Rabbii dabarsuu keessatti -Rabbiin rahmaataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkaneeffannaa fi of eeggannaa sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- qaban agarsiisa.
murtoo hundatti toltuu fi hamtuu isaatti amanuudha.