Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii bakka itti salaatan godhatan

Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii bakka itti salaatan godhatan

Aa'ishaa fi Abdullaah bin Abbaas irraa odeeffamee Rabbiin isaan irraa haa jaalatuu akkana jedhan: Gaafa Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu- duuti dhufte, uffata isaanii wahii fuula ofii irratti darbachuu eegalan, yeroo isiin ukkaamaman fuula isaanii irraa isii saaqu, utuu kana keessa jiranuu akkana jedhan: “Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii bakka itti salaatan godhatan” galagaa isaanii irraa akeekachiisa kennu.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Aa'ishaa fi Ibnu Abbaas, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, gaafa Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- duuti dhufte uffata xiqqaa wahii fuula ofii irratti darbachuu akka eegalanii fi sababaa sakaraata du'aatin yeroo hafuura baafachuun itti jabaate uffata san fuula ofii irraa kan saaqan ta'uu nutti himan, akkasumas utuu rakkoo kana keessa jiranii akkana kan jedhan ta'uus nutti himan: “@Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, Rabbiin rahmata Isaa irraa isaan haa fageessu; sababni isaas isaan qabrii nabiyyoota isaanii irratti waan Masjiida ijaaraniif jecha. Osoo hammeenyi dubbii kanaa guddaa ta'uu baatee, rakkoo akkasii keessatti silaa waan kana hin kaasan ture, kanaaf Rasuulli -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu- ummatni isaanii gocha isaanii san akka hin raawwanne dhoorgan; Sababni isaas gocha Yahuudootaa fi Kiristaanotaa irraa waan ta’ee fi karaa gara Rabbii guddatti waan biroo qindeessuutti nama geessu waan ta'eef jecha.

فوائد الحديث

Qabrii nabiyyootaa fi namoota gaggaarii Masjiidota Rabbiif isii keessatti salaatamu akka hin taasifanne dhoorguudha; sababni isaas sun karaa shirkitti nama geessu waan ta’eef jecha.

Yaaddoo cimaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- tokkichummaa Rabbiitif qabanii fi sodaa cimaa qabrii guddisuu irraa qabaniidha; sababni isaas sun gara shirkitti waan nama geessuf jecha.

Yahuudoota, Kiristaanotaa fi namoota dalagaa akka isaanii kan akka qabrii irratti waan ijaaru fi isii masjiida taasifachuudhaa dalagan abaaruun akka danda'amuudha.

Qabrii irratti ijaaruun karaa Yahuudotaa fi kiristaanotaa keessaa tokko yoo ta’u, hadiisicha keessa isaanitti fakkaachuu irraa dhoorguutu jira.

Qabrii birattii fi isitti gara galanii salaatuun qabrii masjiida taasifachuu irraa lakkaa'amaadha, osoo masjiidni ijaaramuu baatellee.