إعدادات العرض
Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti
Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti
Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: "Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti".
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල தமிழ் ไทย دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली ಕನ್ನಡ Română Italiano Soomaali Српски Українська Wolof Moore Malagasy Azərbaycan ქართული Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muslimoota irratti meeshaa waraanaa baatanii sodaachisuun ykn saamuun dhoorgaa akka ta'e akeekachiisan, Namni haqaan maletti gocha akkasii raawwate yakka guddaa fi badii guddaa hojjatee, doorsisa cimaa kana haqa godhateera.فوائد الحديث
Muslimni obboleeyyan isaa Muslimaan loluu keessatti akeekkachiisa cimaa kennuudha.
Wantoota Jibbisiisoo fi malaammaltummaa guddaa lafa kanarra jiru keessaa tokko, meeshaa waraanaa Muslimoota irratti baafachuu fi badii cimaa karaa ajjeechaatin dhufuudha.
Doorsisni armaan olitti ibsame kun lola haqaa, kan akka namoota mirga namaa sarbanii, warra badii adda addaa raawwatanii fi kanneen birootin loluu hin ilaalu.
Qoosaadhaan illee haa ta'uu, Muslimoota meeshaa waraanaatiin ykn waan biraatiin sodaachisuun dhorgaa ta'uudha.