إعدادات العرض
Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan
Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan: "Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە Tiếng Việt ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or नेपाली Malagasy Kinyarwanda తెలుగు Lietuvių Română മലയാളം Nederlands Soomaali Српски Українська Deutsch ಕನ್ನಡ Wolof Moore Shqip Magyar ქართული Azərbaycanالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni qabeenya muslimootatii fi dhimmoota duniyaa biroo dhunfatanii akka barbaadan itti hoojjatanii fi haqa muslimoota kan isii keessa jiru kan isaan dhoorgatan akka muslimoota hoogganuu taa'an himan. Amantii keessatti isaan irraa wantoonni jibbamoon akka argamaniis himaniiru. Sahaabaan -Rabbiin isaan irraa haa jaallatuu akkana jedhanii gaafatan: Haala sana keessatti maal gochuu qabna? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan qabeenyan kophaa bahuun dhageettii fi isaanii ajajamuu irraa dirqama isin irra jiru bahachuu irraa isin hin dhoorgu jedhanii itti himan, inumaayyuu obsaa, isaan dhagayaa, isaanifis ajajamaa, aangos isaan harkatti hin qabinaa, haqa keessan Rabbiin kadhadhaa, akkasumas Rabbiin akka isaan tolchee hamtuu isaanitii fi miidhaa isaan deebisu Isa kadhadhaa.فوائد الحديث
Hadiisni nubuwwumma Ergamaa Rabbii irratti ragoolee nama qajeelchan keessaa isa tokkoodha, maalif jennaan waan fuul duratti ummata isaanii keessatti argamuu taa'u himaniiti akkuma isaan himanitti argame.
Nama tokko balaa isarra ga'uuf deemu itti himuun ni danda'amaadha, sababni isaas akka inni waan saniif lubbuu isaa qopheessuuf jecha, yeroo balaan sun irra gayetti obsee mindaa isaa Rabbiin irratti herregata.
Qur’aanaa fi Hadiisa jabeessanii qabachuun qormaataa fi garaagarummaa keessaa karaa ittiin ba’aniidha.
Haala beekamaa ta'een hooggantoota dhagayuu fi isaanii ajajamuu irratti kakaasuudha, akkasumas osoo miidhan isaan irraa argameellee isaan irratti finciluu dhabuu irratti kakaasuudha.
Yeroo qormaataa keessatti ogummaa fayyadamuu fi Sunnaa hordofuudha.
Ilmi namaa osoo ofii isaatii miidhamallee ta'ee haqa isa irra jiru raawwachuudha qaba.
Hadiisichi qaa'idaa (bu'ura) akkana jedhuuf ragaadha: Hamtuu lama keessaa isa xiqqaa ykn waan nama miidhu lama keessaa isa miidhan isaa irra salphaatu filatam.
التصنيفات
dirqama hoogganaa