Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu

Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu

Abul Abbaas Sahl ibnu Sa'ad Assaa'idii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: namichi wohii gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii!, hojiin yoo isa hojjadhe, Rabbiin na jaallatee, namnis na jaallatutti na qajeechi?, isaanis akkas jedhani: «Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu».

[قال النووي: حديث حسن] [رواه ابن ماجه وغيره بأسانيد حسنة]

الشرح

Namichi wohii gara hojii yoo inni isa hojjate Rabbiin isa jaallatuu fi namnis isaa jaallatuutti, akka isa akeekaniif jecha, Nabiyyii gaafate- Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaan jedhani: duuniyaa irraa waan haajaa kee irraa hafee fi Aakhiraattis si hin fayyanne yoo dhiiftee, akkasumas waan amantii kee irratti miidhaa ta'uu malus yoo dhiifte, Rabbiin si jaallata, namoonni immoo duuniyaa harka isaanii jiruuf dhimma yoo dhabde si jaallatu; uumama isaaniitiin duuniyaa jaallatu waan ta'eef jecha, duuniyaa keessatti nama isaaniin wol dhiibe ni jibbu, nama duuniyaa isaanif dhiise immoo ni jaallatu.

فوائد الحديث

Duuniyaaf dhimma dhabuu jechuun, waan Aakhiraaf isa hin fayyanne dhiisuudha.

Zuhdiin (dhiimma dhabuun) sadarkaan isaa wara'iidhaa oli; wora'iin waan nama miidhuu malu dhiisuu waan ta'eef, zuhdiin immoo, waan Aakhiraatti bu'aa hin qabne dhiisuu waan ta'eef jecha.

Aalimni islaamaa Sindiin akkas jedhe: duuniyaan namoota biratti jaallatamtuudha, nama isii keessatti isaanii waliin wal dhiibe, hanguma wol dhiibbaa sanaatiin isaan biratti jibbamaa ta'a, namni isaanii fi jaalallee isaanii dhiise immoo hanga dhiisa isaatiin, qalbii isaanii keessatti jaallatamaa ta'a.

التصنيفات

duniyarraa dantaa dhabuu