Rabbiin ni jedhe: "yaa ilma Aadam kenni anis siifan kennaa

Rabbiin ni jedhe: "yaa ilma Aadam kenni anis siifan kennaa

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: Rabbiin ni jedhe: "yaa ilma Aadam kenni anis siifan kennaa».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e akka akkana jedhu himani: yaa ilma Aadam -kennaa dirqamaa fi jaallatamaa irraa- kenni, ani immoo sittan bal'isa waan ati kennites bakkan siif buusa, akkasuma barakaas keessan siif kaa'a.

فوائد الحديث

sadaqaa fi karaa Rabbii keessatti kennachuutti kakaasuutu keessa jira.

karaa toltuu keessatti kennachuun barakaan rizqii keessatti akka ta'uu fi rizqiin dachaa akka ta'uu fi Rabbii gabrichaaf waan inni kenne bakka isaaf buusisuudhaaf sababaa isa guddaadha.

Hadiisni kun hadiisota nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbii isaanii irraa odeessan irraati, hadiisa Al-qudsii yookaan Al-ilaahii jedhamuun waamama, inni isa jechii fi ergaan isaas Rabbiin irraa ta'edha, waan qur'aanni kan biraa irraa ittiin adda ta'e qabaachuu dhabuun adda ta'a malee , akka qara'uun Rabbiin gabbaruu, isaaf xahaaraa godhachuu, isaan morkaachuu, raajii ta'uu fi kannee biroo addummaa qur'aanni qabu hin qabu.

التصنيفات

masruufa, sadaqaa dabalataa