Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha

Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha

Abdullaah ilma Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha, kubbaayyaan isaa akka urjii samiiti, namni isii irraa dhuge tasuma hin dheebotu".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaatti hawdii dheerinnii fi bal'inni isaa adeemsa ji'aa ta'e akka isaaniif jiru himani, Bishaan isaa aannan irra haalaan adii akka ta'e himani, Fooliin isaas bareedaa foolii miskii caalaatti kan urgaa'u ta'uu himani, Kubbaayyaaleen isaa heddummina isii keessatti akka urjii samii akka taate himani, Namni kubbaayyotii sanaan hawdii irraa dhuge tasuma hin dheebotu.

فوائد الحديث

Hawdiin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- walitti qabama bishaan guddaa mu'umintoonni ummata isaanii irraa guyya qiyaamaa isa bu'anii irraa dhuganiidha.

Qananiin nama hawdicha irra dhugeef argamuudha, inni yoomuu hin dheebotu.

التصنيفات

Guyyaa qiyaamaa dhugaoomsuu.