إعدادات العرض
Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha
Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha", ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii isiinuu geessuu kan taate turtee mitii. isaanis: "(ibiddi jahannam ibidda lafaa irra) harka jaatamii sagaliin caalchifamtee jirti, hundi isiituu akka gubaa ibidda lafa irraati".
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore or Kurdî Soomaali Français Wolof Azərbaycan Tagalog Українська தமிழ் bm Deutsch ქართული Português Македонски Magyar فارسی Русский 中文الشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ibiddi duuniyaa ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokko akka ta'e himan, Ibiddi aakhiraa humni gubaa isii gubaa ibidda duuniyaa irra qooda jaatamii sagaliin caalti, qoodni hunda isiituu gubaa ibidda duuniyaatiin wal qixxaata. Yaa ergamaa Rabbii ibiddi duuniyaatuu nama isii keessa seenu adabuuf geessuudha jedhame, Ergamaanis ni jedhan: ibiddi jahannam ibidda duuniyaa irra qooda jaatamii sagaliin caalchifamte, hundi isiituu jabina gubaa isiitiin akka ibidda duuniyaati.فوائد الحديث
ibidda irraa nama sodaachisuutu keessa jirra hojii gara isiitti nama geessu irraa isaan fageessuuf jecha.
ibiddi jahannamii fi adabbiin isii guddoo ta'uu, akkasumas gubaan isiis jabaa ta'uu.