worra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas, {Rabbii fi waan gara keenyatti buufametti amanne}

worra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas, {Rabbii fi waan gara keenyatti buufametti amanne}

Abuu hurayraa irraa akka odeeffametti- Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: worri kitaabaa afaan ibriyyaatiin tawraatiin qara'anii worra islaamaatiif arabiffatti hiiku turani, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buus- akkas jedhani: «worra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas, {Rabbii fi waan gara keenyatti buufametti amanne} jedhaa, [al-baqaraa: aayaa136]».

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan worri kitaabaa kitaabolee isaanii irraa odeessaniin gowwoomfamuu irraa ummata isaanii sodaachisani, yahuudonni yeroo nabiyyiii keessa -Rabbiin rahmataa nageenya isaan irratti haa buusu- tawraatiin afaan ibriffaatiin qara'anii -inni afaan yahuudaati- gara arabiffaatti hiiku turani, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- worra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas jedhani, kun waan dhugaa fi soba ta'uun isaa addaan hin baafamne keessatti; sun immoo Rabbiin waan gara keenyatti buufame qur'aanatti amanuu fi kitaaba gara isaaniitti buufamettis amanuutti waan nu ajajeefi, garuu immoo sirrummaa waan isaan dubbatanuu kana dogongorummaa isaa irraa adda baasnee baruuf shari'aa keenya keessatti dhugummaa isaa sobummaa isaa irraa wanti ibsu yoo hin dhufin karaan biraa waan nuuf hin jirreefi. kanaaf of qabna, isaan hin dhugeessinu; waan isaan dabsan keessatti isaaniin waliin qooda akka hin fudhanneef jecha, akkasuma isaan hin sobsiifnu; sirriis ta'uu malee jennaan, waan Rabbiin isatti amanuu nu ajaje worra mormu irraa waan taanuuf jecha, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas akka jennu nu ajajani: {Nuti Rabbitti amannee jirra; waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubii fi Asbaaxitti buufametti (amannee jirra). Waan Muusaafi Iisaan kennamanittis. Waan nabiyyootaaf Gooftaa isaanii irraa kennamettis (amannee jirra). Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin baafnu. Nutis warra Isaaf butameedha} [Al-baqarah: 136].

فوائد الحديث

wanti worri kitaabaa odeessan gosoota sadi: gosa qur'aanaa fi hadiisaan wal simatu sun ni dhugeeffama, gosa qur'aanaa fi hadiisa faalleessu kun dhara waan ta'eef ni kijibsiifama. gosti sadaffaan immoo wanti dhugummaa isaatii fi kijibummaa isaa mul'isu qur'aanaa fi hadiiisa keessa hin jiru; kun ni odeeffama, garuu immoo hin dhugeeffamus hin kijibsiifamus.

التصنيفات

Rules and Principles of Exegesis, Pre-Islamic Scriptures