“Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane

“Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan. “Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka ibsanitti wanti namni osoo salaatatti jiruu garaa isaa keessatti bahe moo hin baane jedhee burjaaja'u, hanga waan wuduu'a isaa san balleessu sagalee dhagahuun ykn hafuura fuunfachuun mirkaneeffatutti Salaata dhiisee wuduu’a irra deebi’uuf addaan kutuu hin qabu; sababni isaas waan mirkanaa'e tokko shakkiin waan isa hin balleessineef jecha. Namichi salaatatti jiru wuduu'a akka qabu dhugumatti mirkaneeffateera, wanni wuduu'a balleessa jedhamee yaadamu ammoo shakkiidha qaba.

فوائد الحديث

Hadiisni kun bu’uura Islaamaa fi seera barumsa fiqhii keessaa tokko yoo ta’u, innis: Mirkanummaan shakkiidhaan hin buqqa’uu fi wanni tokko hanga wanti isa faallessu mirkanaa'utti wahuma duraan irra jiru irratti hafaadha.

Shakkiin qulqullummaa/wuduu'a irratti dhiibbaa hin geessisuu fi namni salaatu waan mirkanaa’e yoo ta’e malee qulqullummaa isaa irratti akka hafuudha.

التصنيفات

seera fiqhiifii hundee, Wantoota Wuduu'a balleessan