Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo rakkinaa fi yeroo bal'inaattis, yeroo hawwinuu fi yeroo jibbinuttis dhaggeeffachuu fi ajajamnuuf, akkasumas nu irratti dhiibbaan uumamus

Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo rakkinaa fi yeroo bal'inaattis, yeroo hawwinuu fi yeroo jibbinuttis dhaggeeffachuu fi ajajamnuuf, akkasumas nu irratti dhiibbaan uumamus

ūbaadaa ilma Al-saamit irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo rakkinaa fi yeroo bal'inaattis, yeroo hawwinuu fi yeroo jibbinuttis dhaggeeffachuu fi ajajamnuuf, akkasumas nu irratti dhiibbaan uumamus, dhimma tokkollee warra dhimmichaa waliin wal falmuu dhiisuuf , akkasumas bakka jirru hundatti dhugaa dubbachuuf, Allaahif jennee, komii komataa sodaatuu dhabuuf amanamummaan waadaa seenneerra.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra aangoo qabaniifi bulchitootaf akka ajajaman kakuu fi waadaa Sahaabaa irraa fuudhaniiru. Bal'inaa fi rakkina keessatti, haala qabeenyaafi hiyyummaa keessatti ajajni isaanii waan lubbuun hawwitu ykn jibbitu yoo ta’es, Bulchitoonni qabeenya waliigalaatin yookaan aangodhaan yookaan waan birootiin ummata irra osoo of jaalatanillee gaarummaadhaan isaan dhagahuu fi isaanif ajajamuun dirqama ta'a, akkasumas isaan irratti finciluu dhiisuunis dirqama; sababni isaas rakkoo fi badii isaanin loluu keessatti argamuutu badii sababaa miidhaa isaanitiin argamu irra hamaa fi cimaa waan ta’eef jecha, waan isaan waadaa galan irraa bakka kamittuu sana keessatti Rabbiif qulqulleessanii warra isaan komatu osoo hin sodaanne dhugaa dubbachuudha.

فوائد الحديث

Bu'aan bulchitoota dhaggeeffachuu fi ajajamuu Muslimoota tokkoomsuu fi qoqqoodinsa diduu dha.

Hoggantoota dhimma ummataatif Yeroo bal'inaa fi rakkinaatti yeroo fedhiin jiruu fi jibbaan jirus, danqee dhiibbaa isaanii waliinis waan Allaahin diduun keessa hin jirreen, isaanif dhagahuu fi ajajamuun dirqama ta'uudha.

Allaahif jennee, komii komataa osoo hin sodaatin Bakka jirru hundatti dhugaa dubbachuun dirqama ta'uudha.