Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi

Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi

Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi".

[Hasan/Sound.] [Abu Dawood]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni ummattootatti fakkate kaafiroota irraa ta'anus yookaan finciltoota irraa ta'anus yookaan gaggaarii irraa ta'anus, aqiidaa yookaan ibaadaa yookaan aadaa irraa waan adda isaan godhu wahii hojjachuun namni isaanitti fakkaate inni isaan irraa akka ta'e himani; alaan jaratti fakkachuun keessaan gara jaratti fakkaachuutti waan nama geessuuf jecha, ummata wahiitti fakkachuun jara dinqisiifachuu irraa akka maddu mamiin hin jiru, kun gara jara jaallachuu, kabajuu fi gara jaraatti dabuutti geessuun isaa ni mala, kun immoo -Rabbiin nu haa eeguutii- keessoottii fi ibaadaadhaan gara jaratti fakkaachuutti nama gessuu isaatu mala -

فوائد الحديث

Kaafirtootaa fi finciltootatti fakkaachuu irraa sodaachisuudha.

Worra gaggaariitti fakkachuu fi isaanitti hidhachuutti kakaasuudha.

Alaan wal fakkaachuun keessootti wol jaallachuu nama dhaalchisa.

Namichi akkaataadhuma itti fakkaannaa fi gosa itti fakkaannaatiin dinniinnii fi badiin isa qaqqaaba.

Amantii isaaniitii fi aadaawwan isaanii keessatti kaafirootatti fakkaachuu irraa dhoorguudha, waan sana hin taane akka ogummaa fi kan sana fakkaatan barachuun immoo dhoorgaa kana keessa hin galu.