Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe…

Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu

Miqdaam ibnu Ma'adii Kariba irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu».

[sirrii] [رواه الإمام أحمد والترمذي والنسائي وابن ماجه]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bu'uuroota fayyaa keessaa bu'uura tokkotti nu qajeelchani, innis ittisa ilmi namaa ittiin fayyaa isaa eeguudha, innis nyaata xiqqeessuudha, inumaayyuu hanga beela garaa isaa cufuu fi hojiiwwan isaa dirqama ta'an irratti isa jabeessu qofa nyaata, qodaan hamaan guutame garaadha, quufa irraa dhiibeewwan hamaa ta'an kan ammattis yookaan fuuldurattis hin lakkaawamne, mul'ataas ta'ee yookaan dhokataa waan isa irraa madduufi. Eegasii ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: quufuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, nyaataaf hanga tokko sadaffaa haa godhu, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu, dhiphinni, miidhaa fi wantoota Rabbiin dhimma diinii fi duuniyaa isaa keessatti dirqama isa irratti taasise ba'achuu keessatti taati'aa'uun akka isatti hin argamneef jecha.

فوائد الحديث

Nyaataa fi dhugaatii keessatti heddummeessuu dhabuudha, kun bu'uura, bu'uuroowwan fayyaa hunda walitti qabatedha, quufa heddummeessuu keessa dhukkuboowwanii fi dhibeewwan waan jiranuuf jecha.

Galmi nyaachuu, fayyaa fi humna eeguudha, isaan lameeniin jireenyi nagaa ta'e argama.

Nyaata garaa guutuun miidhaa diinii fi duuniyaa qaba, Umar -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: «Quufanii nyaachuu(garaa guddachuu) irraa of eeggadhaa adaraa, inni qaama ni balleessa salaata irraa immoo nama taati'eessa».

Nyaanni akkaataa murtoo isaatiin qooddaawwan hedduutti qoodama: Isa dirqamaati, innis isa ittiin jireenyi tikfamu, kan isa dhiisuun immoo miidhaatti geessuudha. Eeyyamamaadha: innis hanga dirqamaa irraa darbee garuu miidhaan isaa kan hin sodaatamneedha. Jibbamaadha, innis isa miidhaan isaa sodaatamuudha. Haraama, innis isa miidhaan isaa beekamuudha. Jaallatamaadha, innis isa gabbartii Rabbiitii fi isaaf ajajamuu keessatti ittiin of gargaarsifatamuudha. Kanas Hadiisa keessatti bakka sadiitti qooduun guduunfee jira: Inni jalqabaa: garaa guutuudha. Lammaffaan: Luqumaawwan dugda dhaabanuudha. Sadaffaan immoo: jecha jecha isaaniiti: «Tokko sadaffaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaan kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaan hafe immo hafuura isaatiif». Kun hunduu wanti nyaatamu halaala yoo ta'eedha.

Hadiisni kun Qajeelfama qajeelfamoota fayyaa irraa ta'eedha, Beekumsi fayyaa bu'uuroota sadii irra naannawa: humna eeguu, tiksuu fi duwwaa gochuudha, Hadiisichi kan jalqaa lameen of keessatti qabateere, akkuma jecha Rabbii ol ta'ee keessatti dubbatame: {Nyaadhaa dhugaa, daangaa immoo hin darbinaa, Inni dhugumatti daangaa darbitoota hin jaallatu} [Al-A'araaf: 31].

Faaydaa diinii fi duuniyaa waan wolitti qabateef, shari'aan islaamummaa guutuu ta'uu isaa agarsiisa.

Beekumsa shari'aa keessaa: Bu'uuroowwan fayyaa fi gosoota isa irraa ta'eedha, akkuma dammaa fi absuuda gurraacha keessatti dhufee jirutti.

Seerowwanii fi murtoowwan shari'aa isalaamaa ogumma of keessatti qabachuu isaa fi akka inni miidhaawwan deebisanii bu'aawwan fiduu irratti gadi dhaabbateedha.

التصنيفات

hammeenya miiraafii fedhii lubbuu hordofuu