Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta;e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu

Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta;e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu

Ma'aqil ilma Yasaar al-muzanii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- ani dhugumatti Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jdhuun dhaga'e jedhe: "Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta;e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi nama Rabbiin ol ta'e ummata irratti hogganaa fi itti gaafatamaa taasisee, itti gaafatamummaa waliigalaa kan akka bulchaas ta'ee yookaan itti gaafatamummaa dhuunfaa kan akka namichi mana isaa irratti ta'uu fi dubartiin mana isii irratti ta'uu ta'us, yoo haqa ummataa keessatti hirdhisee, isaan ganee gorsas isaan hin gorsine, akkasumas haqa isaanii diinii fi duuniyaa yoo balleesse, dhugumatti adabbii jabaa kana haqa godhatee jira.

فوائد الحديث

Sodaachisni kun hoogganaa olaanaa fi bakka bu'oota isaa qofa hin ilaallatu, hunduma nama Rabbiin itti gaafatamummaa isaaf kennee ilaallata.

Dirqamni hunda nama dhimma muslimootaa irratti muudamee toltuu isaaniif yaaduudha, akkasumas amaanaa isaa geessuu fi ganuu irraa of eeguu keessatti carraaquudha qaba.

Itti gaafatamummaan hunda nama muudama wolii galaa yookaan muudama dhuunfaa fudhatee, guddaas ta'u xiqqaa, guddaa ta'uu isaa agarsiisa.

التصنيفات

siyaasaa sharii'ah