“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi

“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi

Saalim bin Abii Al-Ja'ad irraa odeeffame akkana jedhe: Namichi tokko akkana jedhe: osoon salaatee boqonnaa argadhee, akka waan namoonni waan kana isa irratti ceem'aniiti, ni jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas kan jedhu dhaga'e. “Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi".

[sirrii] [abuu daawud odeesse]

الشرح

Namichi sahaabaa tokko akkana jedhe: Osoon salaatee boqonnaa argadhee natti tola, akka waan warri naannoo isaa jiran isa komataniiti, ni jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhu dhaga'e: Yaa Bilaal! Akka salaatan boqannu Azaanii iqaamas godhi; Kunis Rabbi waliin maqachuu fi lubbuu fi qalbiidhaaf boqonnaa waan of keessaa qabuuf jecha.

فوائد الحديث

Qalbiin boqonnaa argachuun salaataan argama; Sababni isaas, Rabbi waliin maqachuu waan of keessaa qabuuf jecha.

Warra ibaadaan itti ulfaatu balaaleffachuudha.

Namni dirqama isa irra jiru raawwatee, itti gaafatamummaa isaa bahe, boqonnaa fi miira tasgabbii argata.

التصنيفات

sadarkaa salaataa, azaanaafii iqaamaa