إعدادات العرض
Isin keessaa namni tokko wuduu'a isaa yoo raawwatee kophee isaa lamaan godhate, itti haa salaatu, isaan irraas haa haxaa’u, eegasii yoo barbaade janaabaaf malee ofirraa hin baasin
Isin keessaa namni tokko wuduu'a isaa yoo raawwatee kophee isaa lamaan godhate, itti haa salaatu, isaan irraas haa haxaa’u, eegasii yoo barbaade janaabaaf malee ofirraa hin baasin
Anas irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Isin keessaa namni tokko wuduu'a isaa yoo raawwatee kophee isaa lamaan godhate, itti haa salaatu, isaan irraas haa haxaa’u, eegasii yoo barbaade janaabaaf malee ofirraa hin baasin».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી پښتو Română മലയാളം Deutsch ქართული नेपाली Magyar Moore తెలుగు Svenska Кыргызча ಕನ್ನಡ Українська Kinyarwandaالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni muslimaa tokko erga wuduu’a godhatee booda khuffii isaa lamaan uffatee, sana booda wuduu'a balleessee wuduu’a gochuu barbaade, yoo barbaade isaan lamaan irra haxaa’ee, yeroo murtaa'eef kan isaan lamaan hin baafanne isaan lamaan keessatti salaatuu akka danda'u ibsan, yoo janaabaaf ta'e malee yeroo sana khuffii baafatee dhiqachuun irratti dirqama.فوائد الحديث
Kophee lamaan irra haxaa'un hin hayyamamu yoo erga wuduu'a guuttatee uffate malee.
Yeroon haxaa’uu jiraataaf: guyyaa tokkoo fi halkan tokko, imaltuudhaaf immoo: guyyaa sadii fi halkan isiiti.
Khuffii lamaan irra haxaa’uun hadasa xiqqoo wuduu'a barbaachisiisan malee hadasa guddaa dhiqannaa nama irratti dirqama taasisu hin ilaallatu, xurii guddaa immoo isa waliin haxaa’uun hin hayyamamu, kophee lamaan ofirraa baasee miila lamaan dhuquun dirqama.
Faallaa Yahuudootaa deemuuf kophee fi waan isa fakkaatu keessatti salaatuun ni jaalatamaadha, Sunis yoo qulqulluu ta’eedha, akkasumas namoota salaatan rakkisuun, ykn masjiida qulqullummaa dhabsiisuun yoo isa keessa hin jiraatini, fakkeenya masjiida keessatti afaa afame irratti kopheen seenee salaatuu hin danda'u.
Khuffii lamaan irra haxaa'uun ummata kanaaf laaffisuuf jecha akka dhufeedha.