إعدادات العرض
Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e
Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii wahii lama bira dabranii, akkana jedhan: “Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e" eegasii muka jiidha wahii fuudhanii isa bakka lamatti qoodanii, hunda qabrii irra tokko gadi dhaaban, ni jedhan (sahaabonni): " yaa ergamaa Rabbii maalif kana hojjatte?, isaanis ni jedhan: “waan mukni lameen kun hin goggoginiin Rabbiin isaan lameen irraa adabbii salphisuudhan kajeela".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt ئۇيغۇرچە Hausa Português Kurdî മലയാളം Kiswahili Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá සිංහල ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or नेपाली Malagasy Română Kinyarwanda తెలుగు Lietuvių Nederlands Soomaali Shqip Српски Deutsch Українська ಕನ್ನಡ Wolof Mooreالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii lama bira dabranii akkana jedhani: Abbootiin lameen qabrii kana lameenii adabamaaru, ilaalcha keessan keessatti waan guddaaf adabamaa hin jiranu, Rabbiin biratti guddaa haa ta'uu malee, Tokkoon isaanii yeroo mana fincaanii seene fincaan irraa qaama isaatii fi uffata isaa eeggachuuf dhimma kan hin qabne ta'e, Inni kuun immoo namoota gidduutti namiimaan kan deemu ta'e, isaan gidduutti rakkina uumuf jecha haasaa isa kanaa fuudhee isa kaan bira geessa.فوائد الحديث
Namiimaa fi fincaan irraa of qulqulleessuu dhabuun diliiwwan gurguddoo fi adabbii qabriitif waan sababaa namatti ta'an irraayi.
Rabbiin -qulqullaa'e- garii wantoota nama irraa fagoo ta'an -kan akka adabbii qabrii- mallattoo nabiyyummaa isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muldhisuuf jecha irraa saaqa.
Gochi muka bakka lamatti qoodanii qabrii irra kaayuu kun Nabiyyii qofaafi -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-; sababni isaas waan Rabbiin haala abbootii qabrii lameenii isaan agarsiiseef jecha, haala warra qabrii namni beeku waan hin jirreef namni biroo akka isaanii ta'uu hin danda'u.