Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe

Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe

Hudheyfaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe".

[sirrii] [abuu daawud odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Muslimni tokko haasaa isaa keessatti akkana jechuu irraa dhoorgan: “Waan Rabbii fi ebalu fedhe", Yookaan Waan Rabbii fi ebalu fedhe; Sababni isaas fedhiin Rabbii guutuu namni tokkolleen Isa waliin hin qooddanne waan ta'eef jecha. Qubee “waaw” fayyadamuun namni biraa Rabbiin waliin qooda qabaachuu fi walqixxummaan akka gidduu isaan lameenii jiru agarsiisa. Garuu akkas haa jedhu: waan Rabbiin fedhe, eegasii ebalu fedhe, "Fi" fayyadamuu dhiisee "eegasii" fayyadamuun Fedhiin gabrichaa fedhii Rabbii jala kan deemtu taasisuudha qaba; sababni isaas "eegasii" jechuun wanni booda irra dhufu waan dura dabre irraa xiqqoo turee dhufuu waan fayyadduuf jecha.

فوائد الحديث

“Waan Rabbii fi ati feete” jechuu fi jechoota irraa waan isa keessa "fi"dhaan waan biraa Rabbitti hidhuun jiru irraa wanni sana fakkaatu dhoorgaa ta'uudha; sababni isaas inni waan shirkii dubbiiwwanii fi jechootaa irraa ta'eef jecha.

Akkana jechuun ni danda'amaadha: "Waan Rabbiin fedhe, Eegasii waan ati feete", akkasumas waan isa keessa waan biraa "eegasii" jechuun Rabbitti hidhuun jiru irraa wanni sana fakkaatu ni danda'amaadha; sababni isaas isa keessa wanni sodaatamu waan hin jerreef jecha.

Fedhii Rabbii fi gabrichaaf mirkaneessuu fi fedhiin gabrichaa fedhii Rabbii ol ta'ee jala deemtuu akka taate ibsuudha.

Osoo jechaanilleen taatee Fedhii Rabbii keessatti uumama qindeessuu irraa dhooguudha.

Namichi yeroo dubbatu Bal'inaa fi guutummina keessatti fedhiin gabrichaa akka fedhii Rabbii ol ta'eeti jedhee kan yaadu yoo ta'e, yookaan gabrichaaf fedhii of danda'eetu jiraa yoo yaade inni shirkii guddaadha, yoo isaa gadi jedhee kan yaadu ta'e immoo inni Shirkii xiqqaadha.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa